.Jijjiirama Jecha kana qaama mootummaaniis ta'ee, nama dhuunfaaniis dhaga'uun keenyaafi nutiis yaaduun keenya hin oluu, garuu hagam jijjirama akka barbaannuufi jijjiiramnii maal akka nuu irraa barbaaduu beekuu irrattii hanqiina guddaa akka qabnuu hin shakkiinuu. mee dhuugaatti jijjirama nii feetuu(barbaadduu)? maal fayyaa hin qabduu kan jibbuu eessa jiraanis deebii keessan akka ta'e niin hubadha. garuu jijjiirama jechuun maalii? gaaffii jedhuufis sadarkaa gadi'aanaa amma jiran irraa jireenya ol'aanaatti guddachuu akka jettaniis niin hubadha. kun dhugaa jiruu akka ta'ees niin hubadha. Gaariidha. Jijjiramnii aarasaa guddaa isaa akka Riisaatti Kaffaluufi hanga guddina itti jijjiiramuuf barbaaddan caalaa ifaajaafi carraaqqii akkasumas obsa akka gaafatuu hagam hubattanii jirtu. fkn namnii Diploomaa qabu tokko carraaqqiin inni digirii argachuuf godhuufi namnii digirii lamataa(Msc) qabuu tokko PhD isaa qabachuuf carraaqqii godhuu tokko? miti garuu lamaanuu tokko kan isaan taasisuu jijjiramaaf carraaquu isaaniiti.Yaad qabdan dubbisaa booda nuuf qodaa yoo isinitti tolees "share" godhaa Galatoomaa!
Jecha Doonaaldi Tiraampiin gara fuula kanaatti yoon deebi'uu kaaniifis akka ta'u hin dagatiinaa.innis akkas jedhee" Yaaduun kee erga hin ollee guddaa yaadii." kanaafuu sammuu keenyatti guddaa himuutuu bakka guddaan nuun gaha jechuudha.kan jechuun garuu yaannii gocha malee bu'aa fida jechuu miti. Gochaa dura itti yaadii jechuudha. akkama lakkaa'ii(safarii) murii jedhamu hagakee beeku qabda.
Yaa jeranaa baduus maaf baddee jedhee kan nagaafatuu wanna dhabeef kunoo deebi'uuf jechaan jira.
Maaloo nin badee miti? Maalan godha jettaniitu gufuu milkaa'inaa isa cimaatu na qabate. Garuu immoo gammadaa mo'een jira. kanaafuu kunoo amma as deebi'een jira.Garuu du'a lammii baay'achaa jiruuf ilaalchaafi deebii akkamii qabdu?
Guyyaan har'a guyyan itti bu'aa gabbisa sammuu milkaa'inaaf ittin sinif himudha.Qopha'a!Jaaraa kana keessa,waggaa kana keessa,baatii kana keessa miidhaan saba Oromoo irratti taasifamaa jiru hunda keenyaaf dhokataa miti. garuu kan hedduu ajaa'iba natti ta'e kan warra teeleeti.an jiraataa biyya keessati kanaafuu hanga humna koo lammii koon gargaara jedhee qarshii 5n karaa warra teelee erguus guyyaa lama booda naaf deebisan naf hin gallee ture.booda irra gargaarsa ilmmaan oromoo sumaalee irraa buqa'aniif sassaabuuf kan waadaa gale teeleen ni didee maallaqas deebisaa jira kan jedhu wayitan dhaga'u.dhugaa dubbachuuf bataluma sana duras antu sareedha malee lammii koof qar 50, 500,5000 karaa mana baankii galchuu dadhabeeni?tuu saree ofinan jedhe.booda yeroon jecha kana irra deebi'e ilaalu bu'aa lammuummaafi gabbisa sammuu milkaa'enaaf ta'un hubadhe.osoo ilaalch kana dursee hinqabu ta'e teeleetti dhaadhachuu qofa ta'a ture deebiin koo.amma garuu yeroo lamataaf kan armaan gadii gimmacheera. maaloo share fi yaada itti kennaa!galatoomaa.
Guddinaafi jijjirama keessa jirta taanaan, Rakkoon si irraa hincitu. Ta'us rakkicha keessatti cimtee hojjechuu Qabda!
HUNDUU WAAQAYYOOTTI. waguma waggaadhaan maliif nu yaaddeessuu. Al-takka maqaadhan al-hedduu lubbuudhan maaliif nu baleessuu. Nuti nama miti mirgicha hin qabnuu? Maaliif dhala namaa lubbuun hinmararruu? Yeroo laga gamaa dhisii dhisi jedhu. yeroo asi dhumnu maalumaaf cal jedhu. Tole namni didee cufe iyya keenyaa. maliifoo cal jedhe umaan waaqni keenyaa? waldaanis baay'ate dhihaafii kibbatti. masjiinis baay'edha bahaafi dhiyatti. bataskannis baay'ee dhiyaafi kaabaatti Maaliif hin iyyinuu hunduu waaqayyootti?
Guddaa Galatoomaa namoonnii hedduun yaadatu haroma jecha jedhu irratti yaada kennitanii jirtu. YAADUUN HOJJECHUUDHAA? Maaloo dhiifama naaf godhaa hiphoo durii yaadadhe. hiphoo hiphakkaa Qas hin godhuu qaxi hin godhu cehee bahee. Hayyooniis akkas jedhu hojiin jalqabaa yaaduu danda'udha. kanaafuu yaadnii kaleessa yaadnee bu'aa nuf hin fidnee yoo ta'e, bu'aan isaa yoo nutti mi'aayee, yoo nu hin qubsinee, yaada birraa, yaada dabalataa yaaduu akka qabnu nu hubachisa. kun yoom yoomfaadha gaaffii jedhu kaasuu ni maltu ta'a. deebin isaas hanga hijii keessa jirtanitti hojii tokko hojjetani akka xumurtaniitti kan itti anuuf bataluma itti yaadu qabdudha.garuu hojii keessan sa'aatiin,guyyaan,baatiin, waggaan adfa qoddachuu ni dandeesuu yaada keessaniis akkasuuma. kanaafuu yaadatu haromu qabaan yaada nama bilchataati. yaaddan jechuu hojii keessan harka walakkaa isaa raawwatan jechuudha.yaadni keessan yaada sirrii yoo ta'e. yaada sirrii jrchuun maala akka ta'e itti fufa.
Baratu haaroma moo? Sammuutu haarooma? Duraan dursa baga boqaa birraatti ceetan malee baga waggaa haaraa geessan jechuu hin fedhu! Ta'uusa nama hunda ala takkaatti yaada kan waliin wal-simsisuuf akka ulfaatu nin beeka. Akka ta'uu danda'u garuu nin amana hinturu. keenya hanga dhuftii baratuu haaroma moo? sammuutu haaroma?maal dubbiin akkanaa? Aanaaf garuu akkuman dursee isiniif hiraan tureetti kan haaromuu qabu sammuu dhala namaati. kunis kan ta'u qabu waggaa eeganii osoo hin ta'in yeroo hunda haaroomufi gabbachuu qaba. Garuu waggaatti al takkaa akka nama sangaa qalatuttii, haaroomsa isa guddaa, karoora isa cimaa kaa'achuun barbaachisaa dha. karoorrii gochaan hin deeggaramnee karoora hin karoorfatamnee waliin tokko dha. yeroo kana dirqamtanii karoorfachuu irra hikkaan karooraa isiniif galee guyyaa guyyaan baatii baatiin, wagga waggaan akka karoorfachuu dandeessan,dandeenyuu gorsaafi dhaamsa kootii bal'inaan isniif kaasuuf, naafis karoora dha. kan milkaa'inaafi kan..akka nuuf ta'un hawwa!
Carraa jechuun wanna hin argannee tokko barbaadanii argachuudha malee kan taa'anii argatan(eegatan) miti.
Boftii mataan isaa rukutamuu baannaan biyyoo arraabee ni ka'a. Dhalli namaas sammuu isaan abdii kutachuu baannaan kufaatii isaa hamaa keessaa ka'ee ni milka'a! Abdii Horadhu!
Garaa garuumaan namoota Sooressaafi Hiyyeessaa jiru Sodaa injifachuu danda'ufi sodaa injifachuu dadhabu dha. kan hin sodaanee yoomuuu mo'ataadha.
Rakkoofi Gufuu si mudachuu maluu osoo hin ta'iin; milkaa'inafi gammachuu si mudachuu maluu yaadi. Yeroos jireenyi kee Guutuu ta'a!
Karorrii Hojiin Mul'annii Abjuun kamiyyuu gochaan malee oduun galma hin ga'amu(hin milkaa'u)! oduu dhisii deemii hojjedhu! yoo sitti tolee kaaniif qoodi(share godhi)!
Gufuun cimaafi rakkoon cimaa wayita si mudatu milkaa'ina addaan hin cinnee qabatee waan si dhufaa jiruuf dursees gufichaan waan si madaaluuf gammachuun simadhu! Abdii hin kutatiin!
Maltuu na dhiba seetan namni keenya wanna dubbisee milkaa'ina isaaf isa gargaruu maaliif? dubbisee Laayik; sheer gochuu sodaata? Yaa rabbii siif safuu!
Bilisuummaa Maallaqaa. maallaqnii sochii jireenya dhala keessatti shoora guddaa qaba.garuu ilaalchii namoonni maallaqaaf qaban adda addaa dha.Sababni isaani akkasuma adda adda dha. Hiikkaa mallaqaaf namoonii amntii qabaniifi kan daldaaltootaa tokko miti.maqaan Isa bakka lamaanituu garuu maallaquma.Maallaqnii meeshaa nam-tolchedha kanaafuu meeshaa dhallii namaa itti ajajuu malee mashaa dhala namaa ajajuu ta'uu hinqabu.Bilisuummaa maallaqaa jechuun wanna keessii namaa barbaaduu hunda bitachuu danda'uufi gargaarsa namaaf maallaqaan gochuu barbaadan gochuu danda'uudha.yeroo ammaa kana dhukkubsataa hedduu argiinee bira darbaa kan jiru sababa bilisuummaa maallaqaa waan hinqabneefi dha..ittii fufa.